
The Tower of Babel (Genesis 11: 1-9)
Borana
Aka mana d'eera Babeli jaarani
- Gaafa qara nami ch'ufti afaani toko dubbata, dubbileeni toko.
- Ato nami gara ilaboru gogodaanu, lafa diida diriirtu Shinari keesati qubatani.
- Duuba waan woliini jed'ani, Koota me, biyye faara suumne aka dansaa gumne matofaara mid'aasina. Duuba matofaara suniini woi jaarani, matofaara suni laamiini wolti qabani.
- Jennaani waan jed'ani, Koota me, dira jaaranne, mana d'eera ka fiit'eeni isaa Waaqati ejitule jaarra, aka gurra baafanne lafa ch'ufa keesa gargari imbaane.
- Jennaani AABBO Waaqi gadi bue, dirafi mana d'eera nami jaare argu d'ufe
- waan jed'e, Me ilaala, worri kunini ch'ufti gosa toko, ammalle afaani toko dubbatani; iti keeyachaani waan worri armaa achi tahu tana. Armaa achi worri woma yaadu taha!
- Koota me, gadi buune, afaani worraa wolmilisine, aka worri wolind'ageenne.
- Duuba AABBO Waaqi lafa ch'ufa keesa worra gargari baase wolhanqise; jennaani worri ijaarsa dira suni lakisa.
- Tanaafi dira suni maqa Babeli baasani; wonti akanatiifi achiti AABBO Waaqi afaani nama ch'ufa wolmillise, achumaani nama ch'ufa gargari baase wolhanqise.
Source: Kitaaba Waaqa. Ka Kitaaba Deutarokanonikol/Apokrifa Qabu.
The Bible with Deuterocanon/Apocrypha in Borana. The Bible Society of Kenya, Nairobi, 1994.
Learn Chinese Characters with the Omniglot Chinese app